TPLF cannot be reformed. Like apartheid, it should be dismantled! - ETHIOMEDIA

Haasaa Hayyuu Duree ABO, Jaal Dawud Ibasa, Fulbaana 15, 2018 Finfinnee

  • Kabajamoo Bulchinsaa Magalaa Finfinnee Engineer Taakkalee Uumaa
  • Kabajamtoota Qondaalota Mootummaa Federaala Ityophiyaa,
  • Kabajamtoota bakka bu‘ootii Bulchiinsaa nannoolee,
  • Kabajamtoota bakka bu‘ootii dhaabolee Siyaasaa, Waldayaa Hojjeetootaa fi Ogummaa,”
  • Kabaajamtoota Miseensota, Deggartootaa ABO, WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo,
  • Kabajamtoota gaggesitootaa fi Abbootii Amantii Kan galfata Gudinaa Tumsaa Sheek Bakari Saphaloo, Sheek Mohammed Rashad fi kkf of harkaa qabdan,
  • Kabajamtoota Abbotii Gadaa kan galfatni Abba Gadaa Boruu Guyyoo fi Obbo Dabassaa Guyyoo isin harkaa jirtu,
  • Kabajamtoota Haadholii Oromoo kan dhaamsa warra gadameessa isaanitti biqiltuu dhalaa namaa utuu baatanii gara jabinaan rasaasa irratti banameen ciniinsuu isaani dahuu utuu hintahiin kan du‘a lubbu itti tahe,
  • Kabajamtoota Manguddoota Oromoo kan galfatni Dararaa Kafanii, Abicho Haji Mohammed, Haji Mohammed Musa, Jafar Ibrahim Utto fi kkf isin harka jirtu,
  • Kabajamtoota Oromoo dhiiraa dhalaa, dargaggoo fi manguddoo “dhiphoo”, “jeeqxota”, “shororkeesitoota” „ biyyaa digdootaa“, “shakamtoota” fi kkf isinitti moggaafame, murtee du’aa, umurii gutuu, ganaa heedduu fi hiraarsaa qixaa hinqabnee mana hidhaa ifa fi dhoksaatti leexaan ykn maatiin dararamni isin irra gahee,
  • Kabajamtoota daa’imman Oromoo kan qe’ee keessan irratti al tokkotti haadhaa fi abba dhabdanii addunyaa isinitti dukkaneessan, kan jaalala abba fi hadhaa ykn firaa malee mana hidhaa keessatti akka Boontuu Girma kan haatii murtee du’aa abban umurii guutuu itti murta’uu ba’aa kana baattanii guddatan, akkasumaas abba ykn harmeen keessan bakkii buuteen isanii dhabame akka Ijoollee Nadhii Gamadaa, Lameessaa Boruu, Baqqalaa Dawwanoo, Yosef Ayele Batii fi kkf karaa ilalaa jirtan,
  • Kabajamtoota Oromoo biyaa ambaa keessatti adamsamuun dangaa tarkanfatee kan akka Bosassoo, Dhadhaab, Jaboutii, Nairobiitti lammii kessan of biraa dhabdan akkasumaas balaa galaana diimaa fi medetraniyyaa irra haftan,
  • Hayyoota Oromoo utuu beektanii kan akka Wallaalati fudhatamtan sagalee fi beekumsi keessan ukkaamamee, kan warra Afaan Oromoo fi seena barsiistan jedhamanii ajjeefamanii, ykn tajajilaa fayyaa ykn seeraa ummataaf gochuu isaniif lubbuun darbe,
  • Kabajamtoota Artistootaa fi Gazexisitootaa Oromoo kan galfataa Abdi Qophee Abdullahi Arsi, Ayub Abubaker, Abubaker Musa, Mustafa Abdi, Ahmed Kebira, Ayantu Borana, Hime Yusuf, Kulani Boru, Sabontu Barentu, Bonsiso Challa, Hordofa Barento , Jirenya Ayana, Ebbisa Addunya fi Usmayu Musa fi kkf uttu hin dagatiin, hiraarsaa mana hidhaaf uttu hinjilbeeffatiin kan tokkummaa ummataa keessan, aadaa, dhibdee hawaasaa keessanii walleedhaan, walaloo fi yedaloodhaan guyyuu hamilee qabsoo hidhachiisaa turtan fi itti jirtan marti,
  • Kabajamtoota Artistootaa fi Gazexisitootaa kan Oromoo hin taane, kan mirga ilma namaaf otoo quuqamtanii falmitanii Maikelawwii fi mana hidhaa adda addaatti gidiraa argitan,
  • Kabajamtoota Atileetota Oromoo kan akka Fayisaa Leellisaa, Firaa’ol Ebbisaa fi Tamiru Demissiee warra miidhaa ummata keessanii gootummaadhaan addunyaatti ibsitan,
  • Kabajamtoota gaggesitoota Jaarmolee mirga dhala namaaf falmitan kan akka Oromia Support Group(OSG), Human Rights League for Horn of Africa (HRLHA), Ethiopian Human Rights Council (EHRCO), Amnesty International (AI), Human Rights Watch (HRW) fi kkf,
  • Kabajamtoota mirmirsitoota ibsituu dukkanaa (Alaabaa) kan galfata aadde Qamaria Haaji Shabbuu Roobee Baalee irraa Ebla bara 1996 kooboo bifa alaabaan qopheeffachuu isheetiif lubbuu itti dhabde ykn dargaggoota Gaasaraa fi Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa harka isaanii irratti ABO jedhanii tumachuu isaniif lubuu dhaabanii fi warra akka isanii,
  • Kabajamtoota Sabaa fi Sab-lammoota biyya kanaa dheebuun mirgaa, bilisummaa, nagaa fi guddinaa hawwuu fi lubbuu itti dhabuu malee arguun isinitti ulfaatee fi dheeratee jiru,
  • Kabajamtoota miseensotaa fi deggertoota Dhaaba keenyaa kanneen Godinaalee Oromiyaa hunda irraa, akkasumas, biyyoota ollaa fi biyyoota alaa fagoo irraa simannaa kanaaf har’a asitti argamtanii fi Koree simannaa kana bifa kanaan nuuf qopheessan hundaa maqaa Dhaaba keenyaatiin guddiseen galateeffadha

Walumaagala, kabajamtootaa fi jaalatamtoota ummatoota Ityophiyaa hunda dhiiraa, dhalaa, dardaraa fi manguddoo asitti argamtanii fi biyya alaa fi bakkoota adda addaa irraa meeshaa ammayyaan nu faana jirtan maqaa Hoggana ABO, WBO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, mieensotaa fi deggartoota ABOn, baga nagaan kanaan nu gaheen jeedha.

Kan kanaan nu gahe Waaqa galatni guddaan haa gahun jedha. Biyyaa hacuuccaa fi dhiittaan mirga dhala nama hafee wal-qixummaa fi wal-kabajaan sirni demokratawaa kan olaantummaan seeraa fi sagaleen ummataa kabaja itti argatu akka tahuuf lubbuu isaanii jijjirraa hin qabne itti baasanii kan haala har’a keessa jirru kana fiduuf wareegama baasun kanaaf kan nuun gahan hunda yaadachuuf daqiiqa muraasaaf akka ol kaanee dhaabbachuudhaan yaadannoo goonun kabajaan isin gaafadha.

Har’allee kan lubbuun jirtan: WBO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, miseensota, qabsa’otaa maraa fi ummatni keenya guddichi kan seenaa hin dagatamne kana hojjeettani marti galatni keessan bilisummaa tahe, seenaan bara baraan isin haa faarsun jedha. Hundi keenya kanaaf gahuu keenyaaf ammas irra deebi’een baga gammaddan, baga gamadne jedha.

Kanuma waliin dhaaba keenya ABO kan nuuf bu’uressanii fi bara dukkana sana keessa daandii qabsoo bilisummaa Oromoo fi dimokrasii kan taraaran, Jallan General Taddasaa Birruu, Elemoo Qilxuu, Baaroo Tumsaa, Bariisoo Waabee, Abboomaa Mitikkuu, Yiggazuu Bantii, Gadaa Gammadaa, Muhee Abdoo fi kanneen isaan waliin wareegamanii Dhaaba keenya ABO nuuf kennan galatni isaanii Bilisummaa tahee seenaan bara baraan isaan haa yaadatun jedha. Akkasumas bilisummaa Oromoof bara sanatti bifa addaan kan qabsoo adda addaa taheef hooggana turan General Waaqoo Guutuu, Adam Jiloo, Jarraa Abbaa Gadaa fi kaanis gootota keenya qaqqaalii hunda seenaan bara baraan isaan haa yaadatun jedha.

Akkasumaas mootummaan Ityophiyaa hoggansa Muummicha Ministeeraa Dr Abiyi Ahmed‘n gaggeefamu kun dhibdeeleen jiran hundi karaa nagaa akka furamaniif haala mijeessuuf waliigaltee nu waliin uumuun asiin nu gahuu isaatiif galata guddoo qaba. Waltahiinsi keenya kan miillanaa kan bara 1991 irraa adda taha kan jedhu amannee ummatni keenyas kana waan deggareef waliin milkaawina isaaf ofitti fudhatnee kunoo Finfinneetti argamna. Waltahinsi kun akka milkaawus fedhi ABO fi ummata keenyaa ti. Miseensotni ABO, WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti wareegamaa bahan kunoo galfata isaa kana booda qofaa baachu irraa ummata keenyaan geenyee jirra. Hoogganni kun ammaan booda dirqama galfata kana baachuu fi tiksee galmaan gahuu ummata keenya waliin qabna.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota maraa;
Dursa kabajaa fi jaalala guddaa isiniif qabnu ibsachaa, Haa dheeratu malee, Aduun dhiitee ni bariiti, dukkanni gurracha’e ni ifa, bulee oolee gidiraa dheeraan nama quunnamuus ni salphatas ni darbas. Gidiraan jiru salphatee kanaaf nu gahee immo gutummattis darbee nagaa fi tasgabiin wabii jireenyaa akka argannu mamii hin qabnu. Namniis mootummaaniis ni jijjiirama. Kan iddoo isaatti hafu yoo jiraate, Waaqa nu uummee, fi dhugaa duwwa dha.
Addunyaa keenya kana keessatti dhugaa fi kijibni, gaarii fi hamminni, jibbaa fi jaalalli, bilisummaa fi gabrummaan, walqixummaa fi ol-antummaan wal-falmaa fi wal-mormaa kan keessa jiraatan yeroo tahu garuu deemsa keessa dhugaan, gaarummaan, jaalalli, bilisummaa fi wal-qixummaan ni injifaatu. Kun seera uumamaati. Sabni, namni, dhaabnii fi biyyi kamuu adeemsa seera kana falleessuu wan hin dandeenyeef keenyas shira mootumman EPRDF hogganamuu nu dhabamsiisuuf ifaaje hunda irra aanuun kanaaf gahun keenya kana irra adda hin tahu.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota maraa;
Guyyaan har’aa seenaa uummatoota biyyatti kana keessatti boqonna isa guddaa dha. Kunis haasaan nagaa fi waliigaltee Kabajaa fi jaalalaan ABO fi geggeesitoota motumma Itiophiyaa waliin jalqabamee bifa bu‘aan isa hundaaf giddu galeessa tahen as gahe jira. Waliigalteen kuni daran itti fufee haala amansiisaan hojiitti hiikamee nagaa fi tasgabbiin biyyattii kessatti akka dhalatee guddatu tika gamtaa gochuun, gugeen nagaa qilleensa biyya kana irra akka balaliituuf obsaa fi murannoon akka wal-faana dhabbannu carraa kanaan hundaaf waamicha goona. ABO qulqullummaan qooda isaa akka bahatu isniif mirkaneessina.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota maraa;
Ummatni hacuucaa didee bilisummaaf fincile yoom iyyuu deebiin haqa isaa oolee bula malee hin dhabu. Xumraa Jarraa 19ffaa irratti Oromoon humna qawween erga cabee guyyaa tokko tole jedhee fudhatee hin beekuu. Finciloota akka Rayyaa fi Azabo (1928-30), Dawwee (1947), Konfedresii Oromoota dhihaa (1936), baddaa Harargee (1943 fi 1948), kan Kibbaa Oromiyaa keessatti yeroo adda addaatti ka‘ee deebi’ee dhaamaa ture, tattaffiin Waldaa Macaa fi Tulamaa Oromoo wal-barsiisuuf godhee, Sochii Kibbaa Oromia fi Falmii mana Barumsaa University Finfinnee keessaatti bara 60-ota keessa tahaniin sochiin uummata Oromoo gara sadarkaa biyyooleessaatti akka bifa qabaatu taasise.
Deemsi kun Oromoon cabee waggaa dhibba booda akka ABOn bara 1973 waaltummaan mul’ata siyaasaan mirga isaa falmachuuf kan isaaf tahu akkasumas hogganaa fi jarmiyaan akka dhalatu godhee. Akeekni fi Sagantaan Siyaasa ABO mirga Hiree ofii ofiin Murteeffachuu ummata Oromoo dhugoomsuu dha. Kun, humnaa fi fedhii biyyaa, saba Oromoo harkatti deebisa.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota maraa;
ABOn Jaarmaya falammii sochiilee adda addaa armaan olitti tuqaman keessaa dhalatee, kan falammii keessatti guddatee, har’as falammii keessa jiru dha. Bu’aa-bahiin qabsoo kunis kabajaa fi salphina, firii fi kasaara, ganamuu fi tumsamuu, jibbaa fi mararfannoo fi akkasumas dhimmoota waliif faallaa ta’an heedduu keessummeessaa bakka har’a jiru gahe jira. Barottan 40 ol lakkoofsise kana keessatti dhibdee fi didhaa nu mudate tarreesanii fixuun hin danda’amu. Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan dhalli Oromoo miliyoonaan har’a irratti hirmataa jiru kun hadhaa qabsoo keessatti hooggana of keessaa horataa deemuun guca qabsoo bilisummaa ummata Oromoo tahuu isa firaa fi halagaan ragaa baha.

Akkuma Oromoon “Bishingaa dura bilchaate simbirrootu nyaata” jedhu, deemsa kana keessattis ABOn wareegama hogganoota ol’aanoo fi ulfaatoo tahan lakkoobsaan danuu itti baasee jira. Sirnichi gaaffii karaa nagaa dhihateef deebii humnaa itti keennuun gaggeesitoota Waldaa Macaa fi Tulamaa garii ajjechaa, garii hidhaa bara dheeraa fi mirga tajaajila lamummaan argachuu malan sarbuun murtee dabarse.

Kana keessatti warra ijoo turan General Tadassaa Biru hidhaa Umurii gutuu, Ajajaa dhibbaa Mamoo Mazamir Fannifamee akka du’uu fi Hailemariam Gammada summii fi hiraarsaa mana hidhaatti akka lubbun darbu tahe. Wareegamni kun utuu kanaan hin dhaabbatiin ABO bu’ureffamee warregamni J/Elemoo Qilxuu, J/Taddasaa Birruu, J/Baaroo Tumsaafaa – Dhaabicha mudate. Wareegamni rifachiisaa kan J/Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abboomaa Mitikkuu, Fafam Doyyoo, Doorii Barihamoo, Irra’aanaa Qacalee, Omar Ismaa’el Galmoofaa, hogganootni ol‘aanoon Shinniggaatti bakka tokkotti wareegamuun, karaa Dhihaa Gidaamii Girayitti sumii diinni nyaachiseen jaallan filamoon torba bakka tokkotti dhumun of maddiitii isaan dhabne; Wareegama utuu mootummaa cehumsaa keessa jiraamuu fi mootummaa cehumsaan booda hanga guyyaa har’aatti hoggantoonni qabsoo irratti kufan kan akka J/Gamachiis Dhaaba, J/ Jatanii Alii, J/ Buruysoo Boruu, J/Gutamaa Hawaas, J/Mul’is Gadaa, Guddataa Gurmuu fi kkf seenaa dhabicha keessatti kan hin dagatamne dha.

Wareegamni gootaa tokko kumaatamaan goota biroo waan dhaluuf goototni barattoota Oromoo kan harqoota gabrummaa saba Oromoo irraa buusuuf jecha Kayyoo ABO fudhatan mormii FDG humna mootummaa dura dhaabbachuun mormii gaggeessaa bakkaa fi haala adda addaatiin lubbuu isaanii qaalii dabarsani. Daandii haqaa barbaacha irratti hanga guyyaa har’aatti kan wareegamaa jiran lakkawaamee hin dhumu. Hanga tokko maqaa dhayyuuf: Almaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphaasaa, Simee Tarrafaa, Jaagamaa Badhaanee, Kabbadaa Badhaasaa, Darribee Jifaar, Yaasiin Mahaammad, Alamuu Tasfaayee, Ayisha Ali, Tesfahun Camadaa fi kanneen biroo baay’ee hanga dhiheenya kanaatti wareegamaa turan hunda seenaan hin irranfatu.

Hirmaanna ummatnii Oromoo qabsicha keessatti godhuu riffachiisuuf ajeechaa Jumlaa Oromoo irraan gahamee keessaa wareegama hanga tokko xuquuf:
• Bitootessa bara 1992 magaala Water baha Harrargetti,
• Guraandhala 5 bara1995 Surree fi Kiyyoo Dadar baha Oromiyatti,
• Bitotessaa bara 1995 Sigmo fi Gattiraa,
• Ebla bara 1995 ganda Babboo Gambeel, Dhiha Wallagaatti,
• FDG bara 2005/2006 bakkota garaa gariitti,
• Guraandhala bara 2007 Gaara Suufiitti,
• Muslimootaa Oromoo Ebla fi Hagayaa bara 2013 Asasa fi Kofeleetti ajeeffaman,
• Liyu Police warra jedhamaniin Baha, Kibbaa fi Kibba-Baha Oromiyaatti bara 2013 eegalee hanga ammatti rawwatamu,
• Sochii Qeerroo bara 2011 hanga 2018 keesatti,
• Irrecha Har-sadii Onkoloolessaa 2 bara 2016 kan akka fakiittiti maqaa dhayyamani dha.
• Dogoggora odeeffannoo jeechuun Bitooteessaa bara 2018 qaama mootummaa kan Labsii Yeroo Muddamaa kan tahe “Command post”dhaan kan ummataa keenya naannoo Moyaalee irratti raawwatamee fi kkf

Akka nama tokko tokkoonis hawaasa Oromoo toora hunda keessaa haala sukkaneessaan ajeefamee jira. Haa tahu malee kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo kan bu’ureessitootni qabsoo kanaa irratti wareegaman dachaa dachaan goota horachaa firiin isa golaa hundaa rukutee kunoo har’a asitti walitti nu qabee jira. Fuula duraafis wareegamni isaanii lafatti akka hin hafne fi qabsoo bifa haaraan itti seenne nagaan bakkaan gahuun itti gafatamni isaa kan dhaloota har’aa tahuu wal yaadachisna.

Kabajamtoota Qoondaloota mootummaa fi ummatoota Ityophiyaa maraaf;
Waggoota 27n darban kana keessatti, ABO fi Jaarmoolee siyaasaa biroos dabalatee sirna nagaa keessatti qabsoo karaa nagaa akka hin gaggeeffamne gochuu irraan kan kahe badiin seena rawwatame.
Namni Falasamaa tokko “Kan seenaa irraa barannu, seenaa irra baraachuu dadhaabuu keenya dha.” jedhe, Har’a garuu nuti kan as jirru seenaa irraa barachuu dadhabnee utuu hin tahin seenaatti of hiinee badii seena hin hojjennu jennee ti. Caalaatti ammoo qoodaa fi sadarkaa muraannoo har’a ummatni keenya mirga isaa falmachuuf Qabsoo bilisummaa isaa keessatti qabuu fi hundee of irratti amantiin nuti ilaalcha nagaaf Dimokraasiif dursinu wal dhuunfachiisnee ilaaluudhaani.

Waan sirna Gadaa irratti biqilleef, jaalalaaf kabaja dorgommii karaa demokraasiif qabna. Har’a qabsa’oonni Oromoo jaalalaaf kabaja demokraasi kanaaf aarsaa baasuu irratti akka sodaa hin qabne ofii olittin amana. Kunis tahee aadaan keenya olla waliin nageenyan buluutti amana. Yoo ofitti qaban leenca irraa rifeensa buqqasu jedhu; kanaafuu kan mul’ataan nu fakkaatus tahe kan mul’ata addaa qabu waliin haal duree tokko malee waliin hojjeechuun walitti dhiyyeenyaa fi wal-ammantaa fida jennee amanna. Kun amantaa hunda keenyaa akka tahuu abdanna.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota maraa;
Har’a haala amma itti jirrutti hubannoon nuti qabnu qaamni biyya ityophiyaa irratti dantaa qaba jedhu hundi ol’aantummaa seeraa kan mootummaan fi jaarmoleen siyaasaa hundi ittiin abboomaman fudhatee, sadarkaa itti aanutti tarkaanfachuun akka dirqama tahe dha. Mirgi ummataa fi demokrasii hunda keenyaan faarfamuu fi lallabamu hojitti hiikama kan jedhu waliigaltee mootummaa waliin kan lafa kawwane dha. Kana hojiitti hiikuun dirqama hunda keenyaati jennee amanna.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota Jaarmoolee Siyaasaa walii fi Partii Motummaa dorgomtan;
Fuul-duree biyyichaafis tahe hariiroo nagaa kan waaraa ummatoota giddutti buusuuf ABOn seenaa isaa keessatti dhabbii dhabbataa fi ilaalchi inni qabu; Jaarmooleen siyaasaa dhimma Ityophiyaa irraa dantaa qabna jedhaan hundi adeemsa gara sirna dimokiraasiitti riqicha cehumsaa tahu keessaa haalli itti hirmaachuu danda’an mariidhaan jiraachuu qaba jedha. Amma bakka geenye kana irrattis haal-duree tokko malee Dhaaba siyaasa kamuu wajjin yaada Dhaaba siyaasaa fi namaa hunda kabajaa Dhaabotni siyaasaas yaada keenya kabajaa, kan keenya qabannee waliin hojjechuudhaan murtee maayyii ummataaf dhiisuutti amanna. Jijjiiramni amma eegalame kunis qabsoo fi wareegama hunda keenyaatiin argame jennee amanna. Waan taheef, mootummaa fi humnoota siyaasaa jiran hunda waliin marii itti fufiinsa qabu gochuudhaan jijjiiramni eegalame kun itti fufee akka fiixa bahuuf hojjenna. Kana gochuufis gaafatama keenya naamusa haalli yeroo jijjiiramaa kun gaafatuun bahachuudhaan dhiibbaa ijaaraa gochuu kan itti fufnu tahuu hundaaf ifa gochuu barbaadna.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota Jaarmoolee Siyaasaa Oromoo addatti;
Jaarmooleen siyaasaa Oromoo haala keessatti dhalatanii mirga ummata Oromoof falmanii fi falmaa jirra jedhan ni qabu. Haalli keessatti falmii gaggeesinu gara tokkotti yoo nannawwee wal-hubatnoo demokratawaa tokko tolfatanii waliin hojjechuun murteessaa dha. ABOn moora qabsoo bilisummaa oromoo ittichuuf jeechaa yeroo heedduu yaalii adda addaa godhee jira. Bu’an argamees hintuffatamuu. Ammas tattafiin keenyaa kun dacha dachaan itti fuufaa. Haa tahu malee tokkummaan ummatni keenya irra guddaan hawwuu fi barbaadu jaarmooleen kayyoo isaanii dhiissanii tokkoo fi tokko akka tahani dha. Kuni kayyoo bilisummaa ummata keenyaa kabajchiisuu irratti utuu tahe dansaa, yoo kuni hanqate garuu garaagarummaa qaban waliif beekanii fi walii kabajanii wanta walitti isaan fidu irratti ciminaan hojjeechaa bakka maraatti dantaa Oromoo dura aansuu fi akkataa ummani Oromoo sabaa fi sab-lamoota biro waliin nagaan jiraatu irratti hubanno gahaa waliin qabaachuun dirqama dhalootaa taha.

Bakka garaagarummaan jiratuttii safuu aada fi seeraa biyyattiin karaa nagayaan xumurachuu aadeeffachuu dha. Oromoon safuu cabdee raada qalee sirreeffata, nutis Oromummaa handhura hariiroo keenya yoo godhaannee dhibee fi waldiddaa maraa karaa nagaa waan hikkachuu hin dandeenyeef hin jru. Kanaafuu ammaan boodaa fi har’a irraa jalqabee warra wal-diineffatu utuu hin tahin warra abdii waliif tahu akka taanu abdanna. Godaannisa seenaa hooquu irraa bilisoomuun fedhii ummata keenyaa dursinee cichominaan sadarkaa hundatti akka ummata keenya tajaajilu carraa kanaan waamicha kiyyan dabarsa. Yoo kana guuttanne ummatoota biro waliin hariiroo sirreeffachuu dandeenya; dhaabota siyaasaa kaan waliin nagaa fi dimokraasiif tattaafata tahu keessatti qoodni keenya guddaa fi ijaaraa taha. Kana kanneen guuttatnu akka taanuu waamicha keenya siniif dabarsina.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota Dubartoota
Haati dhala deessee guddifattee qaruu fi maatii tajaajiluu qofa utu hin tahin addunyaa keenya har’aa keessatti dubaartoonni sadarkaa mataa biyyaa, mummittii minsteeraa, qormaataa, bulchinsaa fi tikaa biyya isanii keessatti sadarkaa ol’aana irratti hojeechuu qofaa utuu hin taanee bakkoota heddu irratti filatamoo taha jiru. Bakka nagaan hin jirree cunqursaan sirnaa fi aadaa jirutti garuu hundaa olitti midha’an dangaa hinqabne kan irra gahu dubartoota irratti dha.
Baroota darban kana keessa seena biyya kanaatti murteen du’aa kan irratti murtaawe dubartoota keenya kan akka Asli Oromoo, Diribee Itana fi Urgee Abebe seenaa keessatti wan adda dha. Waligalaa abba manaa, obboleessaa ykn dhalaa kee fidi jechuun salphina, qorqalbii caabsuu fi hiraar dubartoota Oromoo irra gahe keessaa kan warra akka Urjii Dhaaba fi biroon lakkawamee hin dhumu. Hirphii fi hadhadhyaan kanaaf tahu yoo mirga guutu argatan duwwadha. Kanaafuu akkumaa qabsoo hidhannoo keessatti warrii akka Juukii Bareentoo, Qananii Yusuuf, Ayyantuu Dagaa, Saartuu Bonnayya, Daraartuu Boonsaa, Dawwii Ayyaansaa fi kannen biro gootumman seena hojjetanii darban isinis qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf itti seenee kanatti utubaa nagaa taatanii humna qabsoo kanaa tahuu bulchiinsa gaarii dubartiin itti aangomtu fiduu keessatti qooda keessan akka argisiistan waamicha kiyya dabarsa. Kan darbe keessatti aarsaa guddaa baaftaniif galatni keessan bilisummaa dha, qooda keessan darbe ammoo seenaan bara baraan haa yaadatu. ABO keessatti qoodni keessan guddaa fi bakki keessan ol aanaa akka tahuu hawwii keenya. Isa kana mirkaneessuuf waliin akka hojjatnu waamicha keenya isiniif haaromsina.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota qotee bulaa fi horsiissee bulaa;
Jiraataan biyya kanaa dhibbantaadhaan harki saddeetamni jireenyi isaa qonna irratti kan hunda’e dha. Hawaasni qotee bulaa fi horsiisee bulaa kun kan wayyaba keenya guddisee barsiisee ol baasee dha. Haa tahu malee bara dhufee darbu, mootummaa dhufee darbu keessatti kan ittiin oomishatu gindii fi qanbarriin kanuma durii sani. Wabiin Qotee bulaan Oromoo fi ummatootiin garii abba qabeenyummaa fi jireenya lafa irratti qabu bara sirnaa “ciissenyaan”, barri ijaarsaa gandaa (Mender Misretaa) ykn qubsuumman (safaraa) gidiraa argaa bahe. As dhihoo immo qirccannaa lafaa (land grabbing) maqaa investiment-n abbootii qabeenyaaf keennamuun beenyaa hin madalleen lafa isaa irraa buqqisuun maatiin irratti digamee jireenya gadadoof saxilamuun dhugaa diida jiru dha.

Uumaan nannoos Keemikaalaa abbootiin qabeenyaa kun eegannoo fi to’annoo malee itti fayyadamaniin summaawuu irraa kan ka’e qotee bulaa fi loon isaa dhukubaaf saxilamuun mirga jireenyaa dhabuun fincilaatti isa geessee jira. Caalaatti diddaa gadadoo kanaa mormii ilmaan qotee bulaa gaggesaniin dhala barsiiffadhee jireenya koo foyyeessa jedhee yaadee bobaa isaa jalatti haala sukkaneessan ilmaan isaa ajjeeffamuun isa muddatee jira. ABOn qabeenyi uumamaa inni lafarraa, lafti, akkasumas qabeenyi lafa-keessaa hundumtuu qabeenya gamtaa ummataati jechutti amana. Kanaafuu dantaa dhaloota ammaa fi kan hegeree ilaaluudhaan, akkaataa qabeenya isaatti dhimma bahamu ummatichatu karaa bakka bu’oota isaa bilisaan filatee qofaan sirna murteessuu keesatti aangoo ol’aanaa qaba jedha. Imaammata dhimma bahiinsa lafaa (Land use policy) kan hoggeeyyiin qoratamee dhiyyateen kan bu’aa ummataa waalteffate tahun yoo mirkaana argate duwwaa hojii irra oola jedha. Kana hojiitti hiikuufis qabsofna.

Oromoon ofiin hiree isaa murteefatuu qaba kan jeennuuf sagalee kennatuun bulchiinsa gaarii isa bulchu muuddachuu tajaajila hawaasa karaa dinagdee, siyaasaa, fayyaa, hawwaasummaa fi misooma imaammatootaa dantaa ummataa tiksuu irratti hunda’an kan isaaf tolchu akka qabaatuufi dha. Ummatoota Itoophiyaa kaaniifis kanuma hawwina. Akkasitti aangoon siyaasaa ummata harka yoo seene rakkinoota qotee bulaa fi lafa isaa jaarraa tokkoo fi walakkaa ol gidiraaf saaxilan keessaa baana jennee amanna.

Kabajamtoota Daldaltoota;
Waggoota darban keessa biyya loogii fi malaamaltummaan dhuunfatame keessa waan jiraattaniif qabeenyaa fi oggummaan daldalaa qabdan tuffatamee, projeektii kan keessan boodatti hambisaa, meeshaa ittiin sochootan Gumruk keessatti hidhamaa wahiloonni abba irree akka gabaa qabatan taasifamuun jireenya harkaa afaan hin darbineen qofa jiraachuun keessan waan yaadatamu dha. Afoollummaan miidhaan inni guddina daldaltoota seeraan hojjatanii fi dinagdee biyya tokkoo irratti geessisu salphaa miti. Har’a haala kana gara guddina dhunfaa fi biyyatti jijjiruuf waliin hojjechuun keenya murteessaa tahu hubattanii akka nu waliin dhabbattan maqaa ABOtiin kabajaadhaan waamicha isiniif godha. Fuuldurri keenya kan dhugaan seeraan hojjatnuu fi sina tiksee daldalaan dafqa isaatiin qabeenya horatu tahuu qabatti amanna. Kana hojitti hiikuuf hundi socho’uu qaba.

Kabajamtootaa hojeetootaa mootummaa fi hojii ogummaa adda addaa;
Mootummaan bulchiinsa gaarii qabu guddina biyyattii milkeessuuf jecha Imaammatootaa fi tarsiimoo misoomaa adda addaa qopheessee, kaayyoo kana galmaan gahuuf manneen hojii ittti gaafatamummaan kana raawwachiisan, hojjettoota waan kana milkeessuu danda’an beekumsa gahaa qaban, miraa uummataa tajaajiluu qabuu fi amantummaadhaan kan oggummaa isanii raawaatan ijaaruun barbaachisaa. Haa tahu malee biyyaa demokrasiin hin jirree keessatti ramaddiin hojjettootaa hoggana ol’aana irraa hanga sadarkaa gadhiitti gahumsaa fi ulaagaalee dandeettiiwwan barbaadaman bu’uura godhachuun hafee amantuummaa paartiif bakka taheetti misoomnii karoorfamuus bakkan hin gahu; guddinni saayinsii muxxannoo keessaa dhalatuus ni quucara. Kanaafuu jijjirama sirna siyaasa biyyaa kanaa keessatti dhufuu malu murna hawaasa biro irraa utuu hin eegiin isinis akka gumaachi keessan guddatu cimseen dhammadha. Kun sirna cehumsaa itti deemamu keessatti sadarkaa mootummaa naannoottis tahe sadarkaa mootummaa gidduu galaatti lafa qabatuu yoo jalqabe qofa fuuldurri keenya ifuu jalaqaba jennee amanna.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota Qeerroo fi Qarree Oromoo, waliigaalatti dargaggoota biyya kanaa
Biyya ummatni bal’aan hacuuccaa fi cunqursaa jala jiru keessatti dargaggoon humna jijjirraa hawaasaa gara gaariitti fiduuf hawwii qaban keessaa qaama isa guddaa dha. Kana irraa kan ka’e dura bu’anii of keennuudhaan mirga ummataa, namoomaa fi demokraasii jallate qajeelchuuf guca warraaqasaa kan tahan isaani. Biyya kana keessatti jijjirama bu’uraa karaa nagaa fiduuf kayyoo adda addaa jalaatti aarsaan lubbuu dargaggootni baasan tarreeffamee hin dhumu. Haa tahu malee aada siyaasa biyya kanaa keessatti “Aangoon afaan qawwee keessaa madda” kan jedhu amantaa bu’uraa tahee hordofamaa turuun deemsa qabsoo dargaggoon haala nagaatiin mirga isaa deeffachuuf taasisu irratti gufuu guddaa tahee yoona gahe. Kan hidhatee jiru firii qabsoo dargaggootaa kan injifannoo dorrobee fi jabaatee deemaa jiru aangoo biyyaa fedhii dhuunfaaf of harkatti galfachuuf humna qawweetiin harka butuun gara uummata shoororkeessuutti jijjiira. Kanaaf gaaga’amni dargaggoota biyya kana keessaa 1960-moota irraa kaasee hanga har’aatti irra gahe safara hin qabu. Guddaa fi suukannessaas ture.

Bara keessa jirru kana keessa Qeerroo fi Qarreen Oromoo guca jijjiiramaa kanatti bifa haaraa fi caasaa haaraa itti tolchuun injifannoo har’aaf geessisani jiru. Injifannoon firii qabsoo hadhaawaa ti. Injifannoo fi milkiin kun obsaa fi murannoodhaan aarsaa guddoon kan itti baafame dha. Abbaan Qerroo fi Qarree har’a bakka jirru kanaan nu gahee, Adda Bilisummaa Oromoo ti. Injifannoo keessaniin hafuura hanga tokko hundi argate kanaaf hundi keenya ittiin boonna. Galata guddaa fi abdii guddaa fuula keenya duraaf isiniin waan qabnuf fuuldura keenya ifatu mul’ata.

Hirmannaan Qeerroo fi Qarreen siyaasa keessatti fi imaammatoota tolfaman keessatti qaban murteessoo dha. Akkasumaas Internet fi meeshaaleen quunamtii ammayyaa mirga demokrasiin bilisa tahani akka dorgommii adunyaan qabdu keessa Qeerroo fi Qarreen seenan taasisuun murteessaa taha. Kanaafuu bilisummaa fi mirga demokraasiif karaa nagaa falmuu keessan daran jabeeffachuun barbaachisaa dha. Jijjiirama sirnaa kan mirga ummatootaa fi dimokraasii biyyicha keessatti dhugoomsuuf tattafannu keesatti dhaloota har’aafiis tahe dhaloota booriif qoodni keessan murteessaa tahuu ciimsinee yaadachiisna. Kanaaf, caasaa qabsoo kan Qeerroo fi Qarree hirmaachisaa wareegama basisaa ture gara nagaan mul’ata keessan hojitti jijiiruu, naamusaa fi seeraan hirmaachisuu irratti waliin akka hojjennu wamicha waliin qabnu haromsina.

Kabajamtoota Sabaa fi Sab-lammoota Itoophiyaa;
Ummanii Oromoo sabaa fi sablammoota saddetamaa ol tahan biyya Ityophiyaa keessa jiran keessaa shantamii-jahaa ol kan tahan waliin daangaan ykn of keessatti waliin jiraachuun hariiroo seenaa fi uumamaa qaba. Kana keessaatti hamaa fi gaarii, balaa uumaa fi badhadhiinaa, aada walirraa qodachuun jiraatee ammas jiraataa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo mirga ummata Oromoo kabajchiisuuf falmuu xiyyeeffannan isa sirna cunqursaa Oromoo gabrummatti sakaalee hambise of irraa jijjiiruu irratti malee saba ykn sablaamii kamuu irratti xiyyeeffatnaa hin qabuu. Qabsoo bilisummaa waggaa 45 ol fixe keessattis saba kamuu akka sabummaa isaatti qabsoon kun kan miidhama irraan gahe hin qabu. Kana afaan guutnee himachuu dandeenya.

Saba fi sablammmii hundaaf kabajaa qabaatuu qabsoo kanaa ragaan saboota keessa socho’aa turre dha. Sirni mootummaa ni jiga, dhalootni ni darba, ummatnii fi lafti irra jiraatan garuu bara baraan waliin hafa. Balaa uumaa kan dursee waliiif dirmatuu fi rakkina isaa kan waliin qoodatu ummataa waliin jiraatu dha. Adeemsa seena keessaa darbee darbee nagaan waliin jiraachuu kan booreessan murnootii fi nam-tokken ni dhalatu, mootootni adda addaan nama qoodanii bituu fedhaan qurramaa namummaa jirtu kanaan dhimma bahuun madda goolii godhaatu. Kanaaf aadaa boonsaa waldhibdee ittiin hiikkataa turre hordofuun obbolummaa fi ollummaa kan kabajaa irratti hunda’ee wal amantaan guuddifachaa gara jijjiirama sirna siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa dantaa hundaa fi mirga hundaa kabaju irratti akka hojjetnu carraa kanaan cimsinee dhammanna.

Jaarmoolee siyaasaa sirna dimokrasitti amanan sabaa fi sablammiin kamuu keessaa biqilan hunda wajjin haal duree tokko malee akka hojjenu kan seenaan raga bahu yeroo tahu ammas kanuma hojiin kan kabajnu tahuu hundaaf mirkaneessina. Fuuldurattis dhimma guddina biyyaas haatahu, dhibdee ka’uu malan hatattamaan dhaamsuuf akka toluuf ABOn jaarsolii yookiin bakka bu’oota sabaa fi sablammootaa waliin haasawuuf karri isaa yoomiyyu banaa dha.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota maraa;
Har’a Magaalaa Finfinnee bakka gamoo babbareedaa fi dhedheeroon heddumminaan itti ijaaramanii fi ijaramuuf deeman, kan akka magaala Ardii Afrikaatti ilaalamtu, New York fi Geneva-tti aanuun jaarmooleen idil-adunyaa keessatti qubsuma qaban keessatti walgeenyee jira. Magaala akkasii qabaachuun hundaafis tahe Oromiyaaf bu’ura misoomaa keessaa tokko. Finfinneen yoo bulchiinsa gaariidhaan Oromyaa keessatti dhuunfatamte seenaa fi haqa gosoota Oromoo (Gulale, Eekka, Galan fi Abbichu) bara kumaatamaaf irratti jiraatanii mul’isuu qabaatti amanna. Baroota darban keessa dhibdee qubsumaa Finfinnee fi as dhihoo ammoo “Integerated Master Plan” irratti dabalata qircannaa lafaa, sababa balfi/xurii ya’uu (waste water), xurii goggogaa (solid waste) fi kemikaalii warshalee keessaa badiyaalee nannoo Finifinnee irratti dhiibbaa jireenyaa uumuu irraan kan ka’e sababaa gadadoo ummata abbaa lafaa fi jeequmsaa tahun ni yadataama. Kanaafuu Finfinneen abbummaa, seenaa, jiruu fi jireenya hundeen jiraattota gosoota Oromoo fi naannoo ishee wal simsiistee fi madaala eegdee akka jiraattutti dhimmi Finfinnee sirreeffamuu akka qabu amanaa.

Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota maraa;
Waa’een Alaabaa, fi seenaa tokkummaa Itoophiyaa humnoota siyaasaa fi ummatoota gidduutti falamsiisoo tahanii yoona gahuun waan hin haalamne dha. Falammii fi garaagarummaa dhimmoota kanneen irratti jiruunis qabsoon wareegama hedduu baasise geggeeffamaa yoona gahe. Maddi rakkoo kanaa sirni dimokiraasii dhugaa kan dhimmootni akkasii sagalee ummatootaan furmaata itti argatan dhabamuu dha jennee amanna. ABOn falammii fi garaagarummaan dhimmoota kana irratti jiru humnaan ykn. inni tokko isa kaan irratti yaada isaa fe’uudhaan furmaata argachuu akka hin dandeenye jabeessee amana. Boqonnaa adeemsa jijjiiramaa amma itti seenne kana keessatti hirmaannaa fi sagalee humnoota siyaasaa fi ummatoota biyyattii hundaatiin dhimmootni falamsiisoo tahan akkasii hundi nagaadhaan furmaata waaraa akka argataniif nu hundi gaafatama keenya akka bahannu yaamicha goona.

Kabajamtoota mootummoota ollaa fi saboota biyyoota kanneen keessa jiraattan;
Ertra, Kenya, Sudan, Uganda, Somalia, Jibuuti, fi kan hafan hundi, baqattoota keenya ganna hedduuf tiksitanii, waan dandeessaniin tajaajila jireenyaaf feesisan hunda gootanii asiin gahuu keessaniif galata guddaa kan hin irraanfatamne qabdu. Addatti ammoo, mootummaa fi ummatni Eritrea baqattoota keenya gargaaruutti dabalee tin’isni isin Qabsoo Bilisummaa Oromoof gootan seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti kan sadarkaa olaanaatti galma’uu dha. Gochi keessan kun hariiroo jalaalaa fi kabajaa ummata Oromoo, ummatoota Itophiyaa fi ummata Eritrea gidduutti bara baraan kan jiraatu tahee, warra amma kana godhaniif galatni keenya akkaan guddaa tahuu gadi jabeessinee ibsina.

Kabajamtootaa Mootumootii fi Jaarmolee idil-addunyaa waahiloota biyya kanaa mara;
Biyyi kun hariiroo daldalaa, diplomasii, nagaa fi tasgabii Gaanfa Afrikaa keessatti qooda taphatu ni qaba. Jijjiirama karaa siyaasa, dinagdee fi hawaasummaa biyya kana keessatti tahuuf murteessan ummatoota biyya kana keessa jiraatan tahuun beekamaa dha. Haa tahu malee biyyii kun jeequmsaa irraa walaba tahee bifa amansiisaa fi dhaabbataan bifa ijaaraa taheen akka qooda isaa kan naannoo fi idil-addunyaa keessatti qabu gahummaadhaan kennu taasisuun barbaachisaa dha. Kana dhugoomsuuf ammoo warra irreedhaan aangoo fudhatee mirga ummatootaa sarbu wajjin dhaabbachuu fi utubuu dhiisanii karaa nagaa fi dimokraasiin hundee itti jabeeffatu irratti gargaaruun hundaaf bu’a-qabeessa taha jeennee amanna. Kanaafis akka waliin hojjennu hiree kanaan waamicha keenya dabarfannaa.

Kabajamtootaa fi Jaallatamtoota;
Walumaagalatti Qabsoon bilisummaa ummata tokkoon adeemsifamu humna isa dura dhaabbatu duwwaa osoo hin taane rakkoon uumamaa bu’aa-bahii, beelaa fi dhukkuba, didhaa (challenges) hedduu of keessatti qaba. Gufuulee deemsa siyaasaa fi nageenya naannoo, godinaa Gaanfa Afriikaa fi idil-addunyaa irra aanuuf aarsaa qabsoon gaafatu hunda baasuudhaan mirga ummataa dhugoomsuu irratti qabsaa’a. Ilmaan Oromoo murna hawaasa gara garaa keessatti argaman lubbuu isaanii kennaniiru. Oromootni hedduun qabeenyaa fi qe’ee isaanii itti dhabaniiru. Akka biyyaatti biyyi kun rakkoo giddu galeessa tahan kan akka shaffisaan guddina ummataa (population growth), wabii nyaataa (food security), hoji-dhabdummaa dargaggoo (youth unemployment), nagaa fi tasgabbii nannoo, jijjirama qilleensaa irraan hongee fi beela dhufuu fi sadarkaa guddinaa, sirna dimokraasii ijaarratuu dhabuu fi mootummaa (state) dhugaatti ummata tajaajilu dhabuu irraa kan ka’e, biyyattii irratti dhibdeeleen maddan hanga tokko dha.

Dhibdeelee kana hunda halkan tokkoo fi furmaata tokkittiin yoo irra aanamuu baatame illee biyyattii keessatti karaa nagaa sirni dimokraasii yoo gadi utubame, nagaan biyya kana keessatti yoo uumame, rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa jiran dhawaataan irra aanuun ni danda’ama jennee amanna. Kana keessattii Qaroo (elite), hayyuun siyaasaa fi seenaa, ummatootni biyya kanaa hundi bifa ijaaraa taheen qooda isaanii kennuu qabu. Gama keenyaan dhufaatiin keenya amma kun akka bara 1991 dhiibamnee bahuuf utuu hin tahin dhibdeelee jiran irratti qaama furmaataa tahuun hanga xumuraatti hiree gaariis tahe hamaa jiru hunda dhiibbaa abba tokkoof illee utuu hiree hin kennin karaa nagaa falmachuu itti fufuu irraa kan hafe dhiisnee eessattuu akka hin deemne hundaaf mirkaneessuu feena.

Waan na dhaggeeffattaniif Galatoomaa !
Nagaa, Badhaadhina, Bilisummaa fi Injifatnoo Umamta Oromoof !
Nagaa fi Badhaadhina ummatoota Itoophiyaa hundaaf !

Fulbaana 15, 2018
Finfinnee

(Visited 575 times, 1 visits today)

You might be interested in